Waliif Education SC

Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif dhaabbata kaayyoolee gurgudoo lama qabudha. Tokkooffaafi inni ijoon lammiilee eenyuummaa isaanitti boonaniifi Sirna Gadaatiin baratanii falaasama hooggansa Gadaa addunyaatti beeksisuu danda’an,barnoota saayiinsiifi teeknooloojiitiin  qarooman uumuu yemmuu ta’u,inni lammaaffaan immoo Abbootii aksiyoonaa keenya dinagdeen aangessuudha. Waldaan kun sabboontota quuqama sabaa qaban,kan barnoota ammaayyaan beekamaniifi yeroofi dandeettii qabaniin saba isaaniif waan gaarii hojjechuu barbaadaniin bara 2016tti akkaataa labsii seera daldala biyyatiitiin kan dhaabbate ta’ee, yeroo ammaa barnoota qulquullina qabu Afaan oromoofi afaan Ingiliziin Magaalaa Finfinneefi Magaalota Oromiyaa hunda keessatti babal’isuuf carraaqqii guddaa taasisaa jira.

Waldaan Aaksiyoona barnoota waliif sabni Afaan isaatiin hin barannee saayiinsiifi teeknooloojii addunyaatti dafee madaquufi eenyummaa ofiillee beekuuf akka hin dandeenye hubachuun,xiyyeeffannoosaa jalqabaafi ijoo  barnoota taasifatee jira. Bu’uuruma kanaan, Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif faalasama Sirna Gadaa hundee taasifachuun dhaloota eenyummaa isaan boonuufi guddisu oomishuuf sabboontota quuqama qabaniin hundaa’ee erga hojiitti seenee ganna ja’aa lakkofsisee jira.Haaluma kanaan, Yeroo ammaa kana Godinaaleefi Magaalota Naannoo Oromiyaa 11 keessatti Manneen Barnootaa dameelee 12 banuun Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziin barnoota qulqullina qabu KG irraa hanga kutaa 8ffaatti barsiisaa jira. Kana malees, Magaala Finfinnee dabalatee Magaalota Oromiyaa hundatti Mana Barnootaa banuuf sochii taasisaa kan jiru yoo ta’u,yeroo ammaa kana Magaalota akka Shaakkisoo, Baatuu,Amboofi Sabbataatti ijaarsa Manneen Barnootaa eegalee jira.Haaluma kanaan, Magaalota akka Bishooftuu,Lagaxaafoo,Hoolota,Moojoofi Jimmarraa lafa Mana Barumsaa irratti ijaarratu argatee kan jiru ta’ee, Magaalota akka Bulee Horaa,Sabbataafi Naqamteettimmoo bituun sochii ijaarsaafi babal’ifannaa Manneen Barnoota Waliif ciminaan itti fufee jira. Kana malees,barattoota kuma 8000titti siiqan barsiisuun hojjeettoota 500 qacaree hojii baruufi barsiisuu ciminaan hojjechuun cinaatti lammiileefis carraa hojii uumee jira.

————————————————————————————————————————————————————————————————————-

Waliif Company is a dual purpose company; we strive to build nation identity and to economically empower our shareholders by investing in the generations’ education. The company has been established by the well committed, devoted, patriot and highly experienced professionals and intellectuals of different academic backgrounds. The Company was registered and licensed by Addis Ababa City Administration Trade Bureau and issued under Commercial Registration and Business license proc No.686/2010 with initial capital of 4 million. Currently the company is licensed to sell shares extending to 60 million Ethiopian birr.

Since 2022 the Company has opened 12 branches in 11 Oromia towns and registered about 8000 students and hired 500 employees.

 

 

Mul’ata

Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif bara 2030tti Baha Afrikaatti dhaabbilee barnootaa jiran keessaa sadarkaadhaan isaan 1-10 jiran keessatti ramadamuu.

 

Vision 

Waliif Education Share Company aspires to be ranked among the top ten pre-eminent East African full-fledged Private education companies in 2030.

Ergama
Barattoota sadarkaa Addunyaatti dorgomaa ta’an uumuufi tajaajila barnootaa guutuu,kalaqaafi qulqullinaan sadarkaa isaa eeggatee sirna barnootaa aadaa Oromoo gidduugaleessa taasifate bocanii hojiirra oolchuun karaa ulaagaa/istaandardii Addunyaawaa eegeen daa’imaniifi dargaggoota Oromootiif kennuufi Abbootii Aksiyoonaa keenya dinagdeen gahoomsuudha.

Mission
To produce worldwide competent students by giving a full- fledged, innovative, creative and state of art education services (From KG-University) to the Oromo children and youths by designing and applying an Oromo Culture responsive pedagogy which fits to the international standards and economically empower our shareholders in order to foster social and economic development of the nation

Major Objective

  • To increase company profitability by 10% every year from 2021-2025
  • To decrease Annual operation cost by 20% from 2021-2025
  • To build at least 4 school projects which will be onboard for use for 2023(2015) at the end of the June, 2023
  • To decrease missed classes by 80% at the end of June, 2023
  • To equip all the schools with computers & necessary materials for the smooth schooling system at June,2023
  • To decrease school dropouts by 90% at the end of June, 2023
  • To develop and expand more Gada system within the school environment 2023
  • To establish Information technology(IT) center at all schools beginning 2023